Saayinsii

Saayinsiin (jecha Laatinii scientia jedhurraa kan dhufe, hiikaansaa "beekumsa") mala ittiin beekumsa waa'ee yuuniversii ijaaruu fi qindeessu yoo ta'u beekkumsi kunis ibsa yaalidhaan qoramuu danda'uu fi waan gara fuulduraa ta'uuf jiru dubbachuu danda'uu irratti hundaa'ee. Hiikaan kan durii garu kanatti kan dhiyaatu "saayinsii" qaama beekumsaa tokko, kan karaa namaa galuun ibsamuu danda'uu fi kan haala amansiisaa ta'een hojiirra oolchun danda'amudha. Namoonni saayinsii hojjatan saayintistii jedhamu.

Saayinsiin, ballifamee yoo ilaallame, bara ammayyaa dura ture, qarooma durii baayyee keessa ture. Garuu saayinsiin ammayyaa adeemsa isaatin adda waan ta'eef akkasumas bu'aa isaan waan milkaa'eef jecha saayinsii jedhu kan ammayyaa kun isa kanaan hiikkama. Bara ammayyaa dura, jijjiirramni guddaan kan biraa falaasamni uummamaa kan durii naannoo Giriikitti dhalachuu isaati.

Anaatoomii

Anaatoomin damee Baayoloojii kan caasaa bineensotaa fi qaama isaa qoratudha; anaatoomii namaarraa adda baasuf maqaa biraa zuutoomii (zootomy) jedhamunis niwaammama. Dameesaa isa tokkoon, anaatoomin qorannaa ulfaa fi anaatoomii wal-dorgomsiisaa wajjin wal qabata, kunimmoo deebi'ee baayoloojii ivoluushunii fi filoojenii wajjin walqabata. Anaatoomin namaa saayinsii fayyaa kan bu'uura fi barbaachisaa ta'an keessaa isa tokko.

Antiroppooloojii

Antiroppooloojiin qorannoo waa'ee namootaa ti, kan darbes ta'e kan ammaa ta'uu danda'aa. Qorannoon namootaa kun beekkumsa saayinsii hawaasaa fi baayooloojii, akkasumas saayinsii uummmaa fi namoommaa irratti hunda'aa.

Arkiyooloojii

Arkiyooloojin qorannoo waan namni bara durii hojjatee ti, kunis baayyinaan wantoota aadaa fi daataa naannoo kan isaan dhiisanii deeman barbaadanii argachuun sana booda qaaccessuun raawwatama; kunis meeshaalee isaanii, ijaarrii isaanii, lubbu qabeessa achiitti argame, fi aadaa isaani dabalata.

Baayoloojii

Baayoloojiin gosa saayinsii uummama kan waa'ee lubbuu fi lubbu qabeeyyii qoratu; kunis akkataa itti isaan tolfaman, guddina isaanii, faayidaa isaanii, tatamsa'ina isaanii, ivoluushinii isaanii fi gareetti qoodu(taxonomy) of keessatti qabata.

Dinagdee

Diinagdeen damee saayinsii hawaasaa kan sochii diinagdee qoratu yoo ta'u kunis, diinagdee keessatti, seerri oomisha, tatamsa'inaa, fi fayyadama mi'aa fi tajaajilaa too'atu maal akka fakkaatu hubachuu fi.

Falaasama

Falaasamni qorannoo rakkoolee bu'uuraa fi waliigalaa ti, rakkoolen kunis wantoota akka dhugaa, jireenya, beekumsa, gatii, sababaa, sammuu, fi afaani wajjin wal qabatu. Falaasamni tooftawwan biraa ittiin rakkoo akkasii furan irraa kan adda isa godhu adeemsa tooftawaa waliigalaa fi qajeelfama fudhatamaa irratti bu'uureffamuu isaa ti. Haasaa tasaa namoonni godhan keessatti, yoo ballifamu, falaasamni yaada, fi ilaalcha namoota dhuunfaa ykn garee" ta'uu danda'a. Jechi "filoosoofii" jedhu jecha durii φιλοσοφία (filosoofiyaa) jedhurraa dhufe, hiikaansaas "jaalala beekumsaa/ogummaa" jechuu dha. Jechoota "filoosofera" fi "filoosoofii" jedhu kan jalqaba fayyadame filoosoofera Giriiki durii Paayitaagoras ture.

Fiiziksii

Fiiziksiin (jecha Giriikii durii: φυσική (ἐπιστήμη) phusikḗ (epistḗmē) “beekumsa ummamaa”, jecha φύσις phúsis "ummama") gosa saayinsii uummama kan qorannoo wantoota fi akkaataa itti wantoonni yeroo fi bakka keessa socho'an qo'atu, kana wajjin yaadota anniisaa fi humnaa dabalatee. Ballaatee yoo hiikkamu, fiiziksiin qorannoo uummamaa ti, kan haala yuunivarsii baruuf qoratamu.

Fluid dynamics

Fluid dynamics kan jedhamu gossa barnotta fluid mechanics jalatti argamu yoo ta'u, kan qo'attus wa'ee "fesashi" fi gazii ademsaa (lola'u) kessa jiranni (fluids) qo'atta. Kunii immo ofii kessatti qoqqodama qaba, isaanis aerodynamics - qo'anno ademsaa gazii fi qillensa fi hydrodynamics - qo'anno ademsaa fesashi jedhamanii dha. Fluid dynamicsiin fayyidaa bayee qaba, isaanis humna fi momentii bariftotta (xuyuraa, jetii...) lakka'u, mass flow rate petroleumiin tuboo kessatti ademmu kessatti qabu barbadu, wa'ee dedebi'ee dhufuu halla qillensa duratti bekku, wa'ee nebulae bakka duwwa interstellar kessatti argamuu bekuuf, midhagsisuu tokasisuu meshaa warranaa tokka'anii kessatti fayyida qaba. Jechonni fluid dynamics kessatti argamii tokko tokko traffic engineering kessatti fayyida qabu, kunis trafficii akka waan lola'utti fudhachuun.

Fluid dynamics offers a systematic structure that underlies these practical disciplines and that embraces empirical and semi-empirical laws, derived from flow measurement, used to solve practical problems. Fluid dynamics kessatti rakkoleen argaman kan hikkaman ammalla (property) fluid (fesashi) kan akka velocity, dhibaa, density fi temprature isaanii yeroo (time) fi bakka irratti hunda'anii lakka'un.

Hawaasa

Hawaasni damee saayinsii kan lafa, amaloota, jiraattota, fi ta'a (phenomena) dachee qoratu dha.

Ikkooloojii

Ikkooloojiin (jecha Giriik: οἶκος, "mana"; -λογία, "qorannoo") qorannoo walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyii fi naannoo isaaniiti, kunis walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyiin waliin wajjin qabanii fi fi naannoo isaanii wajjin qaban qorata.

Infoormaatiksii

Infoormaatiksiin tooftaa saayinsaawaa fi qabatamaa ta'een shallagaa fi faayidaa isaa qorachuudha. Informaatiksiin haala tooftawaa ta'een danda'amummaa, caasaa, himannoo, fi adeemsa tooftawaa (ykn seermurtoo) kan odeeffannoo guuruu, hujeessuu, kuusuu, tamsaasuu, fi argachuuf bu'uura ta'e qorachuu dha; odeeffannoon kun kuufannoo kompitaraa keessatti haala laklameetin kan lakkaddaayee ykn haala jiinii fi caasaa pirootiniitin seeloota baayoloojikaawaa keessa kan jiru ta'uu danda'a. Saayintistiin kompitaraa tiyoorii shallagaa fi saxaxuu meeshaalee shallagaa irratti addayeeffata.

Injineriingii

Injineriingiin (jecha Laatinii ingenium, hiikaansaa "qarummaa" fi ingeniare, hiikansaa "kalaquu, tolchuu") fayyadama beekumsa saayinsii, diinagdee, hawaasummaa fi ogummaa fayyadamuun gamoo, maashinoota, meeshaalee, sirnoota, fi wantoota kalaquu, saxaxuu, ijaaruu, suphuu fi fooyyessuu irratti xiyyeeffata.

Kemistirii

Keemistry

Keemistry barnoota saayinsii uumamaa jedhamanii beekaman keessaa isa tokko yoo ta'uu waa'ee caasa wantootaa,amalootaa fi qabiyyee wantootaa kan qo'atuudha.

Qorannoo Afaanii

Qorannoon afaanii karaa saayinsaawaa ta'een afaan qorachuu dha. Qorannoon kun waan baballaa sadi'i qabata, akkaataa afaanii, hiika afaanii, fi halqara afaani ti. Hojiin jalqabaa kan afaan ibsu kan hojjate Paaninii yoo ta'u kunis afaan Saniskiriitii qaaccesuun seerluga Ashtadhyayi jedhamu kan inni baasen ture; barri isaas DhKD 500.

Raadiyeeshinii elektiroomaagnineetii

Raadiyeeshinii elektiroomaagnineetii dambalii qilleensa keessa, kan ofii keessa darbu danda'u yoo ta'u elektrikii fi maagineetii of keessaa qaba. Kutaan isaani walli kessa right angle Oscillate godhu. Raadiyeeshinii elektiroomaagnineetii kun Frequency irratti hunda'udhan xiqqaarraa gara guddaatti yoo qooddamu akkana jirra. Radio Waves, Microwaves, Terahertz Radiation, Infrared Radiation, ifa mul'atu, Ultraviolet radiation, X-rays fi Gamma Rays.'

Saayikoloojii

Xinsammuun damee saayinsii kan faayidaa sammuu fi amaloota namaa qoratu dha. Kaayyoon battalaa xinsammuu namoota dhuunfaa fi gareewwan karaa seera waliigalaa baasuu fi dhimmoota addayaa qorachuun hubachuu dha. Kayyon waligalaa xinsammuu hawaasa fayyaduu dha. Damee kana keessatti, namni hojii xiinsammuu hojjatu xinsammeessaa jedhama, akkasumas saayintistii hawaasummaa, amala ykn sammuu jedhamuus danda'a. Xinsammeessitoonni shoora faayidaan sammuu amala dhuunfaa fi haawaasaa irratti qabu hubbachuuf qoratu, kana wajjin bu'uura xinsammuu fi baayoloojikaawaa kan faayidaa sammuu fi amala duuba jiru alooluu.

Seenaa

Seenaan qorannoo waan darbee ti, keessaahuu nama wajjin walqabatee.

Seenaan gocha yeroo darbe kan qoratu, madda seenaa irratti hundaa'uun qorata. Maddootni seenaa kunis madda seenaa tokkoffaa fi madda seenaa lammaffaa jedhama.

X-rays

X-rays yokan Rontgen rays kan jedhamu kuni gossa Electromagnetic radiation yoo ta'u, Wavelengthiin issa 10-0.01 Nanometers fi Frequency issa immo 30 hanga 30,000 PHz ta'a. X-rayiin kan fayyadamanif Radiography fi Crystallographyiif. X-rayiin gossa Ionizing Radiation jedhamani jallatti qodama, kanafu bayye sodachisaa dha. Afaan Bayyettin X-rayiin Rontgen radiation jedhama kunis namicha radiation qo'atte Wilhelm Rontgen jedhamu irra ka'unni.

Saayinsii
Formal sciencesHerregaPrirodneNauke
Saayinsii Ummamaa AnaatoomiiBaayoloojiiIkkooloojii
Saayinsii Hawaasaa AntiroppooloojiiArkiyooloojiiDinagdeeHawaasaQorannoo AfaaniiSaayikoloojiiSeenaaFalaasama
Physical sciences FiiziksiiKemistirii
Applied sciences InjineriingiiInformaatiiksi

Afaan Birran

This page is based on a Wikipedia article written by authors (here).
Text is available under the CC BY-SA 3.0 license; additional terms may apply.
Images, videos and audio are available under their respective licenses.