Dinagdee

Diinagdeen damee saayinsii hawaasaa kan sochii diinagdee qoratu yoo ta'u kunis, diinagdee keessatti, seerri oomisha, tatamsa'inaa, fi fayyadama mi'aa fi tajaajilaa too'atu maal akka fakkaatu hubachuu fi.

Antiroppooloojii

Antiroppooloojiin qorannoo waa'ee namootaa ti, kan darbes ta'e kan ammaa ta'uu danda'aa. Qorannoon namootaa kun beekkumsa saayinsii hawaasaa fi baayooloojii, akkasumas saayinsii uummmaa fi namoommaa irratti hunda'aa.

Arkiyooloojii

Arkiyooloojin qorannoo waan namni bara durii hojjatee ti, kunis baayyinaan wantoota aadaa fi daataa naannoo kan isaan dhiisanii deeman barbaadanii argachuun sana booda qaaccessuun raawwatama; kunis meeshaalee isaanii, ijaarrii isaanii, lubbu qabeessa achiitti argame, fi aadaa isaani dabalata.

Baayoloojii

Baayoloojiin gosa saayinsii uummama kan waa'ee lubbuu fi lubbu qabeeyyii qoratu; kunis akkataa itti isaan tolfaman, guddina isaanii, faayidaa isaanii, tatamsa'ina isaanii, ivoluushinii isaanii fi gareetti qoodu(taxonomy) of keessatti qabata.

Chiilii

Chiilii biyya Ameerikaa Kibbaa keessa jirtu.

Magaalaa Guddaa: Santiago de Chile

Falaasama

Falaasamni qorannoo rakkoolee bu'uuraa fi waliigalaa ti, rakkoolen kunis wantoota akka dhugaa, jireenya, beekumsa, gatii, sababaa, sammuu, fi afaani wajjin wal qabatu. Falaasamni tooftawwan biraa ittiin rakkoo akkasii furan irraa kan adda isa godhu adeemsa tooftawaa waliigalaa fi qajeelfama fudhatamaa irratti bu'uureffamuu isaa ti. Haasaa tasaa namoonni godhan keessatti, yoo ballifamu, falaasamni yaada, fi ilaalcha namoota dhuunfaa ykn garee" ta'uu danda'a. Jechi "filoosoofii" jedhu jecha durii φιλοσοφία (filosoofiyaa) jedhurraa dhufe, hiikaansaas "jaalala beekumsaa/ogummaa" jechuu dha. Jechoota "filoosofera" fi "filoosoofii" jedhu kan jalqaba fayyadame filoosoofera Giriiki durii Paayitaagoras ture.

Fiiziksii

Fiiziksiin (jecha Giriikii durii: φυσική (ἐπιστήμη) phusikḗ (epistḗmē) “beekumsa ummamaa”, jecha φύσις phúsis "ummama") gosa saayinsii uummama kan qorannoo wantoota fi akkaataa itti wantoonni yeroo fi bakka keessa socho'an qo'atu, kana wajjin yaadota anniisaa fi humnaa dabalatee. Ballaatee yoo hiikkamu, fiiziksiin qorannoo uummamaa ti, kan haala yuunivarsii baruuf qoratamu.

Hawaasa

Hawaasni damee saayinsii kan lafa, amaloota, jiraattota, fi ta'a (phenomena) dachee qoratu dha.

Ikkooloojii

Ikkooloojiin (jecha Giriik: οἶκος, "mana"; -λογία, "qorannoo") qorannoo walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyii fi naannoo isaaniiti, kunis walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyiin waliin wajjin qabanii fi fi naannoo isaanii wajjin qaban qorata.

Infoormaatiksii

Infoormaatiksiin tooftaa saayinsaawaa fi qabatamaa ta'een shallagaa fi faayidaa isaa qorachuudha. Informaatiksiin haala tooftawaa ta'een danda'amummaa, caasaa, himannoo, fi adeemsa tooftawaa (ykn seermurtoo) kan odeeffannoo guuruu, hujeessuu, kuusuu, tamsaasuu, fi argachuuf bu'uura ta'e qorachuu dha; odeeffannoon kun kuufannoo kompitaraa keessatti haala laklameetin kan lakkaddaayee ykn haala jiinii fi caasaa pirootiniitin seeloota baayoloojikaawaa keessa kan jiru ta'uu danda'a. Saayintistiin kompitaraa tiyoorii shallagaa fi saxaxuu meeshaalee shallagaa irratti addayeeffata.

Injineriingii

Injineriingiin (jecha Laatinii ingenium, hiikaansaa "qarummaa" fi ingeniare, hiikansaa "kalaquu, tolchuu") fayyadama beekumsa saayinsii, diinagdee, hawaasummaa fi ogummaa fayyadamuun gamoo, maashinoota, meeshaalee, sirnoota, fi wantoota kalaquu, saxaxuu, ijaaruu, suphuu fi fooyyessuu irratti xiyyeeffata.

Itoophiyaa

Rippabliikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itiyoophiyaa jedhamuudhaan kan beekamtu biyya Gaanfa Afrikaatti argamtu yoo taatu, erga Eertiraan irraa bara 1993 G.C. cittee booda biyya lafa qofaan marfamte taatee jirti. Itoophiyaan kaabaan Eertiraan, dhihaan Sudaanin, kibbaan Keeniyaan, kaaba-bahaan Jibuutiin fi bahaan immoo Somaaliyaan daangeffamtee argamti.

Itiyoophiyaan biyyoota umrii guddaa qaban (biyyoota qaroomsa durii qaban)jalatti yoo ramadamtu, Afrikaa keessaa baay'inna ummataan lammaffaa irratti argamti. Barbaadina dhufaati ilma namaa irratti ga'e guddaa kan qabdu biyyittiin tun, maqaa cradle of mankind (bakka dhaloota sanyii nama jechuudha) jedhamuuf filatamuu dandeessee jirti. Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa koloniin kan hin qabamin keessaa tokko dha. Laayibeeriyaan koloniin qabamu baatullee, biyyittin Laayibeeriyaa kanitti dhaabatte koloni Afrikaanota Ameerikaa taate want turteefi. Itoophiyaan waggaa shaniif 1936-1941 G.C. Faashistii Xaaliyaann haa qabamtu malee, dhuma irratti Itiyoophiyaan gragaarsa Ingilaandiitiin mo'achuu dandeesseetti. Jaarraa 4ffaa kessatti kan gara kiristaanummaatti jijjiramte biyyi kuni, addunyaa keessaa biyya mootummaa kiristaana qabanii turan keessaa ishee lammaffaa dha.

Haa ta'u malee biyyi Itoophiyaa seenaa hacuuccaa fi ukkaamsaa dheeraa keessa kan turte yoo ta'u keessaayyuu bara mootummaa Minilik, Hayila Sillaasee, Dargii, fi ADWUI hidhaa, reebicha(tortue), fi ajjeechaa keessa darbite. Namoonni mirgaa fi wal qixxummaaf qabsaahan hedduun haala kanaan ukkaamfamaniiru.

Qorannoo Afaanii

Qorannoon afaanii karaa saayinsaawaa ta'een afaan qorachuu dha. Qorannoon kun waan baballaa sadi'i qabata, akkaataa afaanii, hiika afaanii, fi halqara afaani ti. Hojiin jalqabaa kan afaan ibsu kan hojjate Paaninii yoo ta'u kunis afaan Saniskiriitii qaaccesuun seerluga Ashtadhyayi jedhamu kan inni baasen ture; barri isaas DhKD 500.

Saayikoloojii

Xinsammuun damee saayinsii kan faayidaa sammuu fi amaloota namaa qoratu dha. Kaayyoon battalaa xinsammuu namoota dhuunfaa fi gareewwan karaa seera waliigalaa baasuu fi dhimmoota addayaa qorachuun hubachuu dha. Kayyon waligalaa xinsammuu hawaasa fayyaduu dha. Damee kana keessatti, namni hojii xiinsammuu hojjatu xinsammeessaa jedhama, akkasumas saayintistii hawaasummaa, amala ykn sammuu jedhamuus danda'a. Xinsammeessitoonni shoora faayidaan sammuu amala dhuunfaa fi haawaasaa irratti qabu hubbachuuf qoratu, kana wajjin bu'uura xinsammuu fi baayoloojikaawaa kan faayidaa sammuu fi amala duuba jiru alooluu.

Saayinsii

Saayinsiin (jecha Laatinii scientia jedhurraa kan dhufe, hiikaansaa "beekumsa") mala ittiin beekumsa waa'ee yuuniversii ijaaruu fi qindeessu yoo ta'u beekkumsi kunis ibsa yaalidhaan qoramuu danda'uu fi waan gara fuulduraa ta'uuf jiru dubbachuu danda'uu irratti hundaa'ee. Hiikaan kan durii garu kanatti kan dhiyaatu "saayinsii" qaama beekumsaa tokko, kan karaa namaa galuun ibsamuu danda'uu fi kan haala amansiisaa ta'een hojiirra oolchun danda'amudha. Namoonni saayinsii hojjatan saayintistii jedhamu.

Saayinsiin, ballifamee yoo ilaallame, bara ammayyaa dura ture, qarooma durii baayyee keessa ture. Garuu saayinsiin ammayyaa adeemsa isaatin adda waan ta'eef akkasumas bu'aa isaan waan milkaa'eef jecha saayinsii jedhu kan ammayyaa kun isa kanaan hiikkama. Bara ammayyaa dura, jijjiirramni guddaan kan biraa falaasamni uummamaa kan durii naannoo Giriikitti dhalachuu isaati.

Saayinsii Hawaasaa

Saayinsiin Hawaasaa damee saayinsii isa guddaa fi akaakuu damee barnootaa isa guddaa yoo ta'u kan inni irratti xiyyeeffatus hawaasaa fi hariiroo namoota hawaasa tokko keessa jiran giddu jiru irratti. Saayinsiin hawaasaa mataansaa damee baayyee qaba, dameewwan kunis mata isaanitiin akka saayinsii hawaasaatti ilaallamu. Dameewwan gurguddaan saayinsii hawaasaa dinagdee, ji'oogiraafii ummataa, saayinsii siyaasaa, dimoogiraafii fi xinhawaasummaadha. Ballifamee yoo ilaallamu, saayinsiin hawaasaa dameewwan hawaasumma kan akka antiroppooloojii, arkiyooloojii, seenaa, fi qorannoo afaanii dabalata. Jechi kun yeroo tokko tokko addatti sosooloojii, 'saayinisii hawaasaa' kan jalqabaa kan turee fi kan jaarraa 19ffaa keessatti dhaabbatee, ibsuufis tajaajilarra ni oola.

Seenaa

Seenaan qorannoo waan darbee ti, keessaahuu nama wajjin walqabatee.

Seenaan gocha yeroo darbe kan qoratu, madda seenaa irratti hundaa'uun qorata. Maddootni seenaa kunis madda seenaa tokkoffaa fi madda seenaa lammaffaa jedhama.

Shaggooyyee

Gaara Mul’ataa

Dubbadhu mee Dabbaal !!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

Kutaa 1ffaa (barreeffama dheeraa waan taheef adda qoodne Obsaan dubbisaa share godhaa)

Gaarri Mul’ataa Gaarreen gurguddoo Oromiyaa keessa jiran keessaa Gaara sadarkaa keessatti argamuudha.Akkuma gaarreen birootti olka’insaa fi dheerina lafarraa kan qabuu dha.haa tahuu malee gaarri kun kan ittiin beekkamu dheerinaa fi olka’insa isaa caalaa iddoo seena qabeeysummaa isaatiinii.Burqaa Qabsoo Oromoo jalqabaa tahuudhaan qaanqee qabsoo Oromoo qabsiisaa kan ture akkasumas hayyoota bebbeekamoo Qabsoo Oromootiif aarsaa kafalan kan gumaacheedha.Gaara Mul’ataa yoommuu dubbatan namoota seenaa fi Eenyummaa Oromoo beekan biratti mataa keessa kan dhufu Gaara Dabbaal kan Hurree uffate San osoo hin tahin gadameeysa Qabsoo fi Qe’ee Goototaa tahuutu nama keessa dhufa.Ummanni naannoo Gaara Mul’ataa durii kaasee hanga ammaatti gumaata ofii oromummaaf taasiisuun ala galatni ykn gumaatni Ummata Kanaaf deebi’e tokkolleen hin jiru.Rakkoolee siyaasa dinagdee baroota dheeraaf mootummaa Ethiopiatiin itti wal darbaa turte mootummoota Naannootiiniis irraa hin oolle.Ummatni Harargee Gaara Mul’ataa ummata guutumaa guututti dagatamee ykn irraanfatame jechuun ni danda’ama.Rakkooleen Harargee keessatti ija baaftee,hidda hidhattee,damee hortee tun lakkuma gara Gaara Mul’ataa gad deemtuun daran hammaachaa miila gadi fageeyfachaa deemti.Dhugaa dubbachuuf Rakkoo walxaxaa naannawa gaara Mul’ataa barreeysinee fixna yoo jenne Kitaaba tokkoo fi lamatti waan dhumuu miti.Gaara mul’ataatti rakkoon madaqamteeti namniis ofitti fudhatee filannoo dhabaaf waliin jiraataa jira.Wantootni “hanqinaan”ibsamuu dandayan hundi Gaara Mul’ataa keessa guutuu dha.fkn Hanqina Daandii,hanqina Bishaan dhugaatii,hanqina dhiheeysii gabaa ,hanqina bulchinsa gaarii ,hanqina,......hanqina.......hanqina......waa baayyee tarreeysuun ni dandayama.Yeroo amma wanti Ummanni keenya baayyinaan qabu tan hanqina isii hin qabne yoo jiraatte rakkoo qofa.Rakkooleen nu bira wacaqa.Mee Rakkoolee gurguddoo Gaara Mul’ataatti hudhaa tahanii Hawaasa keenya danqanii dalagachuu dhoorkaa jiran haa ilaalluu:

1.Rakkoo Daandii

Rakkooleen gurguddoo tahan baayyinaan jiraataniis rakkoon daandii Gaara Mul’ataa isa ijoo dha.Hawaasni tokko Dinagdeen if utubee Jireenya isaa foyyeessee jiraachuuf daandiin dhimma murteeysaa oliiti.Aanalee Gaara Mul’ataa kanneen jedhaman kun aanalee jaha yoommuu tahan aanaan jahanuu hariiroo siyaasa dinagdee isaanii waliin qarqabanii wal wajjiin jiraatu.Rakkoon daandii Gaara Mul’ataa bara hedduuf gaafatamaa turtuus qaamni gaaffii kana dhageeyfatee deebisaa itti kennu hin jiru.pirojeektileen misoomaa akka Oromiyaatti hojjatamuuf karoorfamanii hojjatamanii fi hojjatamaa jiran tokkoolleen Waa’een Gaara Mul’ataa gurrarra isaan babaatu.Addunyaa kanarraa bakki ykn iddoon makiinaan gad deemtuu fi ol deemtu dhaabbattee akka namaatti wal dabarsitu,bakki makiinaan Fe’inaa goggogaa namoota akka meeshaatti fe’atttee olii gadiin deemtu,bakki imaltootni magaalaa gurguddoo deemuuf sa’aa lamaa ol kararra dhaabbatanii makiinaa eeggatan gaara Mul’ataa malee hin jirtu.Dubbii daandii Gaara Mul’ataa kana keessa shira hamaatu jira.Ummatni naannawa Gaara mul’ataa akkuma ummata iddoo biraatti gibira kafalee jiraata.Iddoo kamiyyuu caalaa iddoon mootummaaf gibirri sassaabamu Gaara mul’ataati.Mootummaan yeroo gibiraa qofa ummata kana yaadatee yeroo ummanni gaaffii bu’uraalee misoomaa gaafatu dheeysu kun namaaf hin galu.Inuu waan biraa dhiisaatii Mootummaan naannoo oromiyaa tokkolleen ummata Gaara Mul’ataa kana ijaanuu dhufee laaluu hin barbaadu.Gaara Mul’ataa dhufuurra naannoolee Oromiyaan alaa kanneen akka Gaambeellaa,Dabuub fi Beenishangul daawwachuutu irra salphataaf.Mootummaan ummata irraa nyaachaa jirutti sobuun safuu dha,safuu qofaa miti amanamummaa ummatni irraa qabu hirrisa.Kabajamoon Obbo lammaa magarsaa Waxabajjii 29,2009 ALHtti Gaara Mul’ataa Aspaaltii isiiniif goona jechuudhaan ummataaf waadaa guutuu hin dandeenye galee deeme.Ummanni Gaara Mul’ataa yeroo mara yoommuu dhagaa san arkan “Ah”jechaatuma bira kutu.Dhagaa bu’uraa asphaaltii Gaara Mul’ataa booda oromiyaa keessa iddoo biraatti piroojektii gurguddoo meeqatuu jalqabamee eeybifamee tajaajila kennaa jira.Yeroo takka takka dhaabbannee hoggaa itti yaannu dhuguma gaara Mul’ataa kana mootummaan kun naannoo oromiyaa jala tahuu isaa itti amaneehi waan jettuutu namatti dhagahama.Karaa Gaara Mul’ataa aspaaltii gochuun Silaa beekanii ummata caalaa mootummaatu irraa fayyadama ture.Mootummaan xaaliyaanii gaafa biyya kana turetti dinagdee Harargee Gaara Mul’ataa irraa sassaabamtu arkee daandii haaraya kara dafee ittiin ummata kana dhaqqabatu baasee ture.Sana qofa miti dildilli Daawwee ti dildilli Asqabannee hanga ammaa dildila mootummaan xaaliyaanii hojjateedha.Laalaa gaa Mootummaan xaaliyaanii wanti hojilee gurguddaa akkasii hojjateef Hawaasa Gaara Mul’ataa kanaatu kiyya jechuuf osoo hin taane dantaa achiirraa argatu waan beekuufi.Akkuma Mallas Zeenaawii ABO balleeysuuf bosona gubuun dirqama jedhee bosona gubaa turetti gaarri Mul’ataa iddoo sabboontonni irraa maddan waan taheef ilaalcha boodatti hafaa “Gaarri Mul’ataa Gaara ABOti ABof karaa baafnaa”jedhanii waan dhiisan fakkaatu.Oromoon hammeenya dubbii takkaa hoggaa himu dubbiin abalu sanii garaa kana nyaatte je’eeti dubbata,Dubbiin daandii gaara mul’ataa tun ammoo garaa qofa osoo hin tahin mataa hunda nama nyaatti.Hawaasa keenya rabbi if haa barsiisu.Mee maaltu Warra godina kana dhimma daandii kana naannoof gabaasanii furmaata akka itti kennan gochuu dhoorke? Jiddumaan ergaa hiriyaa keenyaa kan Yuniversitii Finfinnee baratu tokkorraa dhufte tana dubbisaa .ergaan tun kan na bira geeyse bubbiltee jirti ammumaan waliin maxxanse;

“Adeera Odeefannoo tokkoon sin gahaa gurraa qalbii qaahuun na dhageeyfadhu. Dhubbichiis akkasi ; kaleeysa akkumaan Boolee tanatti ol bahee Afaan kaayyachu jiruttin waa dhagehee turee. Inniis bilbilaatu itti Aanaa abbaa taayitaa Daandiwwaan oromiyaa irraa nama Ibsaa ja'amu Mucaa Harargee tokkoo bilbilamee . Akkana jachuun Eegalee isin Harargeen "Godina hin qabdan " hunoo ragaa fi oddefannoo godinaa fi Aanalee irraa arkachuu qabnuu godinii keeysan osoo nun kennin hangaa ammaa turtaanii jirtan kanaaf guyyaa 2een ittii annuttii yoo nu erguu baattan Carraan sun godinaa biraatiif dabarfama ja'eeti ergaa isaa fixatee jacha Afaan oromoo gabaaba kanan . Dhimmi isaa Dhimmaa daandi Asfaalti Adelee hanga Gurawaa marsaa duraa kan Pir Naanoo oromiyaa obbo Lammaa magarsaa bara kaan kayaan sanii. Bulchinsii Harargee bahaa Kan caasaa Alamuu simee nama tahee Obboo Husseen Fayyisootin hogganamuu ragaa fi haala qophii raawachisummaa projectii kanaa kan silaa Anaalee 6n Gaara Mul'ataa fi akkaa godinaattiis Naannoof erguu qabuu erguu dhisii qubahuu hin qabuu naannooniis ragaa wan hin argatiniif Federalaaf dabarsuu hin dandeenyee . Federaalli ammoo projecti san bara bajataa ittii anuu kanatti waan qabateef isaan ragaa barbaachisu hin kennan taanan naanno biraa ykn Godinaa biraatif kennee yeroo dhihootti caalbaasi baasu deema. Kanaaf jechaa projectin rakkina Ummata keenya hangas gahuu san furuuf yaadamee sun dhugumaa nuti Godinaa waa hin qabnu waan taheef akkaa nu biraa hin kunnee dulaa haa eeggalluu karaa adda addatiin”

Waliitti deebina kutaa 2ffaa qabannee!

Itti fufa…...

Team Ibroo Shaxaa!

Tanzaaniyaa

Tanzaaniyaan seeran United Republic Of Tanzania (Afaan Iswahiliin Jamhuri ya Muungano wa Tanzania) kan jedhamtu biyya baha Afrikaatti argamtuu dha. Kaaban Keeniyaa fi Yugaandaan, dhihaan Ruwaandaa, Buruundii fi Democratic Republic Of the Congon, kibbaan Zaambiyaa, Malaawwii fi Moozambiikn fi bahaan immo Garba Indiyaatin marfamtee argamti.

Maqaan Tanzaaniyaa jedhamu kunii kan ba'eef maqaa Tangaanikaa kan kutaa lafaa ishee tateffi fi maqaa Zanziibaar lafaa ishe kan bishaniin marfamtee, dangaa bahan argamtu irra dhufee. Bara 1964, Tangaanikaan Zanziibaar wajjin tokko tate "United Republic Of Tanganyika and Zanzibar" ergaa jedhamte bodaa, barumma sunitti maqaa "United Republic Of Tanzania" jedhamu argatte.

Bara 1996 biroon motumma Daree Salaam irra Dodomaa tti jijjiramun, Dodoman magaalaa guddoo Tanzaaniyaa taate. Daree Salaam immoo "anna" dinagdee gudditti tatte.

Jamhuri ya Muungano wa Tanzania

United Republic Of Tanzania

Jecha Ummata Tanzania

"Uhuru na Umoja" - "Billisuma fi Tokkumma"

Sirbaa Allaba - Mungu ibariki Afrika- "Waqqii Africa haa Ebbisuu"

Magaalaa guddoo -

Magaalaa ballina gudda qabdu - Daree Salaam

Afaan tokkoffan -

Motummaa -

Pirezidaantii - Jakaya Mrisho Kikwete

Muummicha ministeeraa - Edward Lowassa

Billisumma - United Kingdom irra argatte

Ballinaa lafa - 945,087 km square ykn 364,898 mile square

Parsentii bishaanii - 6.2%

Bayyina Ummattaa - tilmaama Nov 2006, 37,849,133; lakkoofsa bar 2002, 34,443,603

Density 41/square km ykn 106/square mile

GDP (PPP) 2005 estimate

Total $27.12 billion (99th)

Per capita $723 (178th)Gini? (2000–01) 34.6 (medium)

HDI (2004) 0.430 (low) (162nd)

Currency Tanzanian shilling (TZS)

Time zone EAT (UTC+3)

Summer (DST) not observed (UTC+3)Internet TLD .tz

Koodii bilbilaa: +2552

Saayinsii
Formal sciencesHerregaPrirodneNauke
Saayinsii Ummamaa AnaatoomiiBaayoloojiiIkkooloojii
Saayinsii Hawaasaa AntiroppooloojiiArkiyooloojii • Dinagdee • HawaasaQorannoo AfaaniiSaayikoloojiiSeenaaFalaasama
Physical sciences FiiziksiiKemistirii
Applied sciences InjineriingiiInformaatiiksi

Afaan Birran

This page is based on a Wikipedia article written by authors (here).
Text is available under the CC BY-SA 3.0 license; additional terms may apply.
Images, videos and audio are available under their respective licenses.